Wareegamtoonni Waxabajjii 15 yaadataman

Finfinnee, Waxabajjii 15, 2012 (FBC) – Dhaabbiin biqiltuu yaadannoo Waxabajjii 15 gaggeeffame.

Guyyaan yaadannoo waggaa 1ffaa hoggansi olaanoo raayyaa ittisa biyyaa FDRI fi qondaaltonni olaanoo mootummaa naannoo Amaaraa itti wareegaman Waxabajjii 15 dhaabbii biqiltuutin kabajameera.

Sagantaan dhaabbii biqiltuu naannoo Amaaraa magaalaa Baahir Daaritti bakka itti aanaan muummee ministiraa obbo Dammaqaa Makoonnan, af yaa’iin mana maree naannichaa Warqisammoo Maammoo, preezdaantiin naannichaa obbo Tamasgeen Xiruunah argamanitti raawwatameera.

Sagantaa dhaabbii biqiltuu magaalaa Finfinneetti raawwatameen ammoo itti aanaan kantiibaa magaalaa Finfinnee Injiinar Taakkalaa Uumaa, itti gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Finfinnee obbo Tasfaayee Beeljigee, hoggansi kutaalee bulchiinsa magaalaa fi aanaa akkasumas tola ooltonni argamaniiru.

Sagantaa dhaabbii biqiltuu guyyaa wareegamtootaa kanaan biqiltuu 1,200 ol dhaabamaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment