Waraqaa ragaa barnootaa teeknooloojiin mirkaneessuuf waliigalteen mallatteeffame

Finfinnee, Hagayya 2, 2015 (FBC)-Dhaabbilee Barnoota Olaanoo Ityoophiyaatti waraqaa ragaa barnootaa, teeknoolojiin mirkaneessuuf kan dandeessisuu waliigalteen mallatteeffame.

Waliigaltechis Ministeera Innooveeshinii fi Teeknoolojii, Abbaa Taayitaa Barnootaa fi Leenjii fi Dhaabbata SICPA jedhamu gidduutti mallatteeffameera.

Kaayyoon waliigaltechaas ragaalee barnootaa babal’ataa dhufe to’achuu fi haqummaa ragaalee barnootaa nageenyummaan isaanii eegamee mirkaneessuuf ta’uun eerameera.

Kunis nageenyummaa waraqaalee ragaa dhabbilee barnoota olaanootti kennamanii eeguu fi haqummaa isani imirkaneessuuf kan dandeessisuu ta’uun ibsameera.

Bu’uuraa waliigaltechaan dhaabiilee barnoota olaanoo filaman 6’f koodii mirkaneessa nageenyummaa kuma 4 ol kennuun yaaliin kan jalqabame yoo ta’u, dhaabbatichi koodiiwwan kuma 24 Abbaa Taayitaa Barnootaa fi Leenjiif kan dhiyeessu ta’uun ibsameera.

Waliigaltechiis baatiiwwan ja’a keessatti kan eegalu ta’uu ragaan Ministeeraa Innooveshinii Teeknooloojiirraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment