Waraanni Yuukreen Raashiyaa seenaa jiraachuu Pireezidaanti Vooloodmiir Zeelaniskiin ibsan

Finfinnee, Hagayya 5, 2016 (FBC) –Waraanni Yuukreen daangaa Raashiyaa seenaa jiraachuu Pireezidaantiin Yuukreen Vooloodmiir Zeelaniskiin ibsan.

Loltoonni Yuukreen Lixa Raashiyaa Daangaa bulchiinsa Kuursiik irratti waraana gaggeessaa jiraachuu himaniiru.

Yuukreen Kibxata darbe haleellaa tasaa eegaluu Vooloodmeer Zeelaniskiin eeraniiru.

Kiiloo meetira 10 daangaa Raashiyaa keessa seenuu BBCn gabaaseera.

Kana hordofee Raashiyaan magaala guddoo Yuukreenii Kiiyev fi bulchiinsa biroo Diroonii fi Misaa’eelaan haleellaa raawwachuu aanga’onni naannawichaa ibsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment