Waraanni Yuukireen misaa’eloota 5 fi dirooniiwwan 48 Raashiyaarraa dhukaafaman kuffisuu beeksise

Finfinnee, Caamsaa 30, 2016 (FBC)- Humni Qilleensaa Yuukireen, kan Raashiyaan halkan dhukaafte misaa’eloota shanii fi dirooniiwwan 53 keessaa 48 rukuttee kuffisuu waraanni Yuukireen beeksise.
Waraanni Raashiyaa naannawaa Kiyeevitti haleellaa misaa’elaa fi diroonii raawwachuun dhaabbilee indaastirii keessaa tokkorra balaan gubachuu qaqqabuu bulchiinsi naannawichaa eereera.
Haleellichaan miidhaan namarra qaqqabe akka hinjirre akeekameera.
Waraanni Yuukireen dirooniiwwan 7 naannawaa Bulchiinsa Odeesaatti rukutamanii kufuu fi dabalataan sadii ammoo naannawaa bulchiinsa Keersaniii fi lama ammoo bulchiinsa Maaykolaayivitti kufuu ibseera.
Raashiyaan bu’uuraalee misoomaa humnaa Yuukireenirratti qiyyaafachuun dandeettii maddisiisuu isheerratti miidhaa qaqqabsiisuun biyyattii guutummaatti humni akka addaan citu taasisuu Rooyitersi gabaaseera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment