Waraanni Sudaaniifi humni addaa biyyattii sa’aatii 24’f dhukaasa dhaabuu labsan

Finfinnee, Eebla 10 ,2015 9FBC)- Waraanni Sudaaniifi humni addaa‘Rapid Support Forces’ biyyattii sa’aatii 24 keessatti hojiirra kan oolu waliigaltee dhukaasa dhaabuu labsuun gabaafame.

Humnoonni lameen labsicha kan labsan Ministirri Alaa Ameerikaa Antooniyoo Bilinkan qaamoleen lameen dhukaasa akka dhaabaniif dhiibbaa taasisan hordofee ta’uu Rooyitars gabaaseera.

Walitti bu’iinsa Sudaan guyyoota afur lakkoofsise kanaan lubbuun namoota 200 ta’anii darbuufi lammiileen kumaatamatti lakkaa’aman miidhamuu gabaafameera.

Hoggantoonni biyyoota garaagaraas humnoonni lameen rakkoo jiru mariin akka furan waamicha taasisaa jiraachuu ibsameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment