Waraanni Somaaliyaa qaamolee Moqaadishootti haleellaa raawwatan injifachuu beeksiise

Finfinnee, Hagayya 15, 2014 (FBC) – Waraanni Somaaliyaa qaamolee magaalaa Moqaadishoo seenuun Hoteelarratti haleellaa raawwatan injifachuu beeksiseera.

Magaalaa Moqaadishoo Hoteela Hayaat jedhamurratti haleellaa raawwatameen lubbuu namoota 21 darbuu fi namoonni hedduun madaa’uun kan yaadatamuudha.

Haleellicha booddees hoteelicha marsuun qaamolee nageenyaa waliin dhukaasni gaggeeffamaa turuu eerameera.

Walitti dhukaasuu sa’aatii 30 fudhate booda waraanni biyyattii hidhattoota kanneen injifachuu beeksiiseera.

Hidhattoonni haleellaa raawwatan kunneen keessummoota Hoteela keessa juran hedduu ugguruu isaanii ibsameera.

Namoota kanneen gadi lakkisiisuuf waraana gaggeeffameen Hoteelichi garri caalu barbadaa’uu BBC fi Aljazeeran gabaasaniiru.

Haleellaa raawwatameef Alshabaab itti gaafatamummaa kan fudhatu ta’uu eerameera.

Erga Hasan Sheek Mahaammad Pireezidaantii biyyattii ta’anii filataman haleellaan Jimaata darbe raawwatame kun Moqaadishoitti kan jalqabaa ta’uu ibsameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment