Waraanni Raashiyaa fi Yuukreen hanqina nyaataa fi beela qaqqabsiisuu akka danda’u DhMG akeekkachiise

Finfinnee, Waxabajjii 2, 2014 (FBC) – Waraanni Raashiyaa fi Yuukreen hanqina nyaataa fi beela qaqqabsiisuu akka danda’u Barreessaa Olaanaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guutereez akeekkachiisan.

Waraanni biyyoota lameenii hawaasa idil addunyaarratti jeequmsa diinagdee fi hawaasummaa uumuu akka danda’u haala yeroo Yuukreen irratti gabaasa marsaa 2ffaa  Garee Deebii Kennituu Idi Addunyaarratti   dubbataniiru.

Waraanni Raashiyaa fi Yuukreen sirna nyaataa, dhiyeessii boba’aa fi maallaqaa idil addunyaa gaaga’uu akka danda’u gabaasichaan eerameera.

Waraanni biyyoota lameen gidduutti gaggeeffamaa jiru kan hin dhaabbanne yoo ta’e gaaga’amni inni qaqqabsiisu yeroodhaa yerootti dabalaa kan adeemu ta’uu ibsamuu Prees TVn Gabaaseera.

Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment