Waraanni Raashiyaa Ajaja Waraanaa olaanaa Yuukreen barbadeessuu beeksise

Finfinnee, Bitootessa 12, 2014 (FBC) – Waraanni Raashiyaa Misaa’eela Hayipersoonikii fayyadamuun Ajaja Waraanaa Olaanaa Yuukreen barbadeessuu Ministeerri Raayyaa Ittisaa Biyyattii beeksiise.
Waraanni Raashiyaa misaa’eeloota Hayipersooniikii Kiinzihaalii fi Kiriiz jedhaman fayyadamuun haleellaa raawwateen ajaja waraanaa fi buufataalee boba’aa Yuukreen barbadeessuu Dubbii Himaan Ministeera Raayyaa Ittisaa Raashiyaa Igoor Koonaasheenkoov, ibsaniiru.
Waraanni Raashiyaa haleellaa Bitootessa 19 -20, 2022 gaggeesseen bu’uuraalee misooma waraanaa Yuukreen barbadeessera jedhan.
Misaa’eeloonni Raashiyaa Galaana Kaaspiiyaanirraa dhukaafaman ajaja waraanaa fi giddugala kuusaa boba’aa Yuukreen dhiheenya Koonsitaantiinoovikaatti argaman barbadeessuu isaa dubbii himichi ibsaniiru.
Biyyoota lamaan araarsuuf tattaaffii taasiisaa kan jirtu Turkiin, biyyoonni kunneen waraana dhaabuuf qophummaan agarsiisaa jiran gaarii ta’uu ibsiteerti.
Mariin kun salphaa ta’uu baatus dhimmoota ijoorratti gara waliigalteetti dhiyaachaa jiraachuu Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Turkii Meevilaat Kaavuusoogloon himuu isaanii Ispuutiniik Niwuus gabaaseera.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment