Waraanni mootummaa Sooriyaa magaalota murteessoo ta’an deebisee too’ate

Finfinnee, Amajjii 21, 2012 (FBC) – Waraanni mootummaa Sooriyaa magaalota murteessoo mormitootan qabamanii turan deebisee too’achuu beeksise.

Akka miidiyaan biyyaalessaa biyyattii gabaasetti waraanni mootummaa Sooriyaa magaaloota asiin dura to’annaa mormitootaa jala turan bilisa baasaniiru.

Lammiileen biyyattii hedduun keessattuu dubartoonnii fi daa’imman waraana kana jalaa miliquuf jecha gara daangaa Tarkiitti baqataniiru.

Loltoonni Sooriyaa waraana cimaa booda magaalaa harka finciltootaa jala turte Maaraat al-Numaan to’annaasaanii jala galchuu dubbataniiru.

Dabalataan magaalota xixiqqoo naannoo magaalichaatti argaman 25 to’achuun isaanii ibsameera. Gareen finciltootaa gara naannoo kaabaa, Saaraaqebii fi Ariihaatti akka deeman himameera.

Waraana gaggeeffameen loltoonni mootummaa Sooriyaa 147 yoo du’an, loltoonni finciltootaa 151 du’aniiru.

Duulli magaalaa Idliibii fi naannoo ishee finciltoota irraa bilisoomsuu cimee kan itti fufu ta’uu dubbi himaan waraana Sooriyaa Birgaadeer Jeneraal Alii Meeywuub himaniiru.

Maddi:-France 24

 

Comments (0)
Add Comment