Waraanni Ityoophiyaa hidhannoo ammayyaa dhabus, onnee loltoonni Ityoophiyaa qaban qaamni kamiiyyuu hin qabu– Dooktar Abiy

Finfinnee, Waxabajjii 28, 2013 (FBC) – Waraanni Ityoophiyaa hidhannoo ammayyaa dhabus, onnee loltoonni Ityoophiyaa qaban qaamni kamiiyyuu hin qabu jedhan Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad.
Miseensonni Raayyaa Ittisaa kabaja biyya isaaniif wareegama barbaachisu hunda kaffaluun qaama duubatti hin deebineedha.
Raayyaan Ittisa Ityoophiyaa hidhannoo ammaayyaa malee diinoota hidhannoo ammaayyaa qaban injifachuun qaama seenaa olaanaa qabuudha jedhan.
Bara kanas baajanni dhaabbatichaaf ramadame quubsaa ta’uu baatuus hojiilee akka biyyaatti hojjetamuuf karoorfaman ni milkeessa jennee amanna jedhaniiru.
Hojii dippiloomaasii hojjetamaa jiru ilaalchisee yaada laataniin damichaan jijjiirramni bu’uuraa kan barbaachisu ta’uu ibsaniiru.
Yeroo ammaa Ityoophiyaanoonni Imbaasiiwwanii fi Ministeera dhimma alaa caalaa hojii dippiloomaasii hojjetan biyyoota alaa garaagaraa keessa jiraachuu kaasaniiru.
Dippiloomaasii, injifannoo fi bilisummaan Ityoophiyaaf waan addaa miti, garuu Badhaadhinni Ityoophiyaaf waan addaati jedhan.
Misoomni, guddinnii fi badhaadhinni Ityoophiyaa mirkanaa’uu kan danda’u Ityoophiyaanootaan malee qaama alaan ta’uu akka hin dandeenye qaamni kamiiyyuu hubachuu akka qabu yaadachiisaniiru.
Filannoon biyyaalessaa marsaa 6ffaan injifannoo Ityoophiyaa kan mirkaneesse ta’uu himaniiru.
Paartilee siyaasaa dabalatee qaamolee milkaa’ina filannichaaf gumaacha olaanaa taasiisan hunda galateeffataniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment