Finfinnee, Onkololeessa 9, 2016 (FBC) – Waraanni Ameerikaa dhiyeenya daangaa Isiraa’eelitti Misaa’eelootaa 3 fi Dirooniwwan nama maleeyyii hedduu haleeluun kuffisuu beeksiiseera.
Misaa’eeloonnii fi Dirooniwwan kunneen bulchiinsa Yeeman to’annoo garee Fincitootaa Huutii jala jiranirraa kan dhukaafaman ta’uu Dubbii Himaan Peentaagan Birgaadeer Jeneraal Paat Raayidar ibsaniiru.
Qiyyaafannaan meeshaalee kanneenii Isiraa’eel haleeluuf ta’uu kaasaniiru.
Yaa ta’uutiin waraanni Ameerikaa qiyyaaffannaa misaa’eeloota kanneenii fashaleessuu himaniiru.
Lolli Isiraa’eelii fi Hamaas gidduutti eegalame cimee itti fufuu hordofee Ameerikaan waraana dabalataa gara Isiraa’eeliitti siiksaa jiraachuu RTn gabaaseera.
Dhimmicha hordofee Pireezidaantiin Ameerikaa Joo Baayidan Waashiingitan Hamaasii fi Raashiyaan akka injifatan hin heeyyamtu jedhuun ibsaniiru.
Pireezidaanti Joo Baayidan lolli Isiraa’eelii Hamaas waliin, Yuukreen Raashiyaa waliin gaggeessaa jiran injifannoo Isiraa’eelii fi Yuukreeniin hanga xumuramutti Ameerikaan deeggarsa taasiiftu cimsitee itti fufti jechuun ibsaniiru.
#Oromiyaa #Ityoophiyaan
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.