Waraanni ABUT bane amala walitti bu’iinsa uumuu qabaachaa ture argisiisa-Alistar Toomsan

Finfinnee, Hagayya 29, 2014 (FBC) – Alistar Toomsan gaazexeessaa Niwuziilandi. Ogummaa gaazexeessummaatti dabalataan, Ogeessa Quunnamtii Ummataa fi siyaasa quubsumaa xiinxaluun kan beekamuudha.

Alistar Toomsan, barana baatii Ebla keessa gara Ityoophiyaa kan dhufe yoo ta’u, hanga baatii Waxabajjiitti akka ture FBC waliin turtii taasiseen himeera.

Ityoopiyaa keessatti baatiiwwan lamaaf turtii taasiseen, Goondariin dabalatee naannawaa waraanaan miidhaman naannolee Amaaraa fi Afaar daawwachuu ibsa.

Gaazexeessichi naannawaa daangaa Tigiraayitti dhiyoo Walqaayitii fi Abi Aalaatti imaluun kufaatii namoomaa hammaataa naannawichatti mudate daawwachuus dubbata.

Yeroositti naannawaa Abi Aalaatti wayita konkolaataa konkolaaachisaa jiru konkolaattota deeggarsa namoomaa fe’anii gara Tigiraayi deemaan 108 arguu yaadachiisa.

Yeroosii eegalees lakkoofsi konkolaattota deeggarsa namoomaa fe’anii gara Tigiraayi imalanii dabalaa dhufuun 300 akka ga’aan odeeffannoo akka qabu eera.

Gaazexeessichi Naannoo Afaar Dubtiitti haala seera qabeessa hintaaneen buqqaatota qubsiifaman daawwachuu kaaseera.

Buufata qubannaattis jireenyi buqqaatotaa hammaataa akka turee fi hanqinni dhiyeessii bishaanii akka ture eera.

Maatiin buufata qubannaa jiran guyyatti bishaan liitirii 25 qofa argachaa akka turan, naannawichi oo’ina waan qabuuf walitti idaa’amee jireenya isaanii kan qoraa ture ta’uu dubbata.

Yeroositti ogeeyyiin Hospitaala Dubtii naannawichatti dhibee teessisaa sardaan mudachuu mala soda jedhu akka qaban eereera.

Guyyaa guyyaatti daa’imman 2 hanga 3 lubbuun isaanii darbaa akka turee fi waliigalaan daa’imman hedduun naannawichatti lubbuun isaanii darbuu yaadachiiseera.

Gareen shororkeessaa ABUT weerara naannolee Amaaraa fi Afaaritti raawwateen lammiilee hedduu naannolee kanneen keessa buqqisuu fi lammileen buqqa’anis haala jireenyaa rakkisaa keessa akka turan gaazexeessichi ibseera.

Yeroo ammaa ABUT haala walfakkaataa keessatti akka galee fi irra deddeebiin waamichi filmaata nageenyaa mootummaarraa dhiyaateef diduun irraa deebiin waraanatti akka seene eereera.

Naannawaa Qobboottis lammiilee nagaa hedduu akka ajjeese ibse.

Ta’us, ABUT ija jabinaan akka miidhamee fi weerarri irratti raawwachuu fakkeessa jirachuudha Gaazexeessaa Alistar Toomsan kan himu.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment