Waraana Odeeffannoo Ityoophiyaarratti baname qolachuuf dhaabbileen dhimmichi ilaallatu waloon hojjechaa jiru jedhame

Finfinnee, Adoolessa 19, 2014 (FBC) – Waraana Odeeffannoo Ityoophiyaarratti baname qolachuuf dhaabbileen dhimmichi ilaallatu waloon hojjechaa jiraachuu Tajaajilii Kominikeeshinii Mootummaa beeksiise.
Waraana odeeffannoo biyyattiirratti baname qolachuuf Dhaabbileen Nageenya Saayibarii fi dhaabbileen biroo qindoominaan hojjechaa jiraachuu tajaajilichi ibseera.
Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad ibsa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf Waxabajjii 30, 2014 laataniin Ityoophiyaan waraana irratti baname qolachaa jiraachuu ibsanii turan.
Mootummaan waraanicha qolachuu fi olaantummaa seeraa kabachiisuuf yaalii taasiisaa kan jiru yoo ta’uu eeruun, tarkaanfiin eegalame cimee kan itti fufu ta’uu ibsaniiru.
Teeknooloojii Fayyadamuun odeeffannoo si’ataa saffisaan hawaasa biraan ga’uun waraana odeeffannoo baname qolachuuf malli dhahamuu Ministir Deetaan Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Salamaawiit Kaasan ibsaniiru.
Diinoonni Ityoophiyaa odeeffannoo sobaan ummata qoqqooduuf tattaaffii taasiisaa jiraachuu kaasuun, waraana odeeffannoo kana qolachuuf xiyyeeffannoo olaanaan hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.
Waraanicha qolachuuf dhaabbileen nageenya saayibarii fi biroo waloon hojjechaa jiraachuu Aadde Salamaawiit ibsaniiru.
Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaas sirrummaa odeeffannoo qulqulleessuun saffisaan hawaasa biraan ga’aa jiraachuu himaniiru.
Dhaabbileen Miidiyaas qooda isaanii ba’uu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.
Maddi:-TOI
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment