Finfinnee, Onkololeessa 22, 2014 (FBC) –Waraana Adda Walloo keessatti humnoonni lammiilee Ityoophiyaa hin taane garee shororkeessaa ABUT waliin hirmaachuu Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad mirkaneessaniiru.
Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad dhimmoota haala waqtaawaarratti hoggantoota mootummaa olaanoof ibsa taasiisaniiru.
Waraanicharratti humnoonni lammiilee Ityoophiyaa hin taane garee shororkeessaa ABUT waliin hirmaachuun wareegama kaffalaa jiraachuu mirkaneessaniiru.
Deeggarsi ummanni Raayyaa Ittisaaf taasiise kan jajjabeeffamu ta’uu ibsaniiru.
Humna Ummataa kakaasiin ba’e keessummeessuuf mootummaan qophii ga’aa taasiisee turuu kaasaniiru.
Yeroo ammaa isa duraarraa sirreeffamni fudhatamuun karaa tarsiimowaa ta’een hojjetamaa jiraachuu Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad ibsaniiru.
Deeggarsi ummanni Raayyaa Ittisaaf taasiisu haala amma jiru caalaa cimee itti fufuu akka qabu eeraniiru.
Rakkoon yeroo ammaa Ityoophiyaa muudate lola qaama tokkoo qofa akka hin taane hubatamuun wareegama kaffalamaa jiruuf jaalala jiru qabatamaan ibsuun murteessaa ta’uu hubachiisaniiru.
Naannoo keessaan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.