Waqtii Roobaa dhufu dursinee sagantaa Ashaaraa magariisaaf qophiin taasiifamuu qaba – MM Abiy Ahimad

Finfinnee, Bitootessa 1, 2014 (FBC) – Waqtii Roobaa dhufu dursinee sagantaa Ashaaraa magariisaa bara kanaaf guutuu biyyattiitti qophii taasiisuun barbaachisaa ta’uu Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad hubachiisan.

Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin ergaa dabarsaniin ganni osoo hin seeniin Sagantaa Ashaaraa magariisaa bara kanaaf Bishaan Roobaa kuusuu fi dhiqama biyyoo ittisuuf tattaaffiin taasiifamaa jiru daraan abdii kan namatti horu ta’uu ibsaniiru.

Kanaan walqabatee sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaaf waqtii Roobaa dhufu dursinee qophii ga’aa taasiisuun barbaachisaa ta’uu hubachiisaniiru.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment