Walummaa waaraan jabeessuuf seenessa waloo ijaaruun murteessadha – Obbo Adam Faarahi

Finfinnee, Mudde 23, 2016 (FBC) – Walummaa waaraan jabeessuuf seenessa waloo ijaaruun murteessaa ta’uu Itti Aanaan Pireezidaantii Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faarahi ibsaniiru.

Guyyaan Walummaa mata duree ‘Heddumminaan jiraachuu ‘ jedhuun lammiilee miiliyoonni 20 irratti hirmaatan sadarkaa biyyaalessaatti kabajamaa jira.

Waajjirri muummee Paartii Badhaadhinaas mata duree ‘Hoggansa walummaa cimsuuf dhama’u’ jedhuun guyyicha kabajeera.

Guyyicha kabajuun dhimma walummaarratti hubannoo uumuuf ta’uu saganticharratti kan argaman Obbo Adam Faaraahiin ibsaniiru.

Akka biyyaatti walummaa waaraan lafa qabsiisuuf seenessa waloo ijaaruun daraan barbaachisaa ta’uu eeraniiru.

Duubatti hafummaa, waraannii fi tasgabbiin walummaan laafurraa kan maddu ta’uu dubbataniiru.

Rakkoolee kanneen waaraan furuuf aadaa walummaa babal’isuun barbaachisaa ta’uu himaniiru.

Garaagartee cinaatti dhiisuun tokkummaan dhaabbachuun injifannoo jajjaboo galmeessuun danda’amuu himuu ragaan waajjiricharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment