Waltajjiin Yaa’ii Qophii duraa Paartii Badhaadhinaa xumurame

Finfinnee, Bitootessa 1, 2014 (FBC) – Waltajjiin Yaa’ii Qophii duraa Paartii Badhaadhinaa Magaalaa Adaamaatti guyyoota sadiif gaggeeffamaa ture xumurameera.

Xumura waltajjichaarraatti kan argaman Itti aanaan Preezdaantii Paartii Badhaadhinaa obbo Dammaqaa Makoonniin kana dura wantoota tokko nu taasiisan caalaa dhimmoota adda nu baasanirratti xiyyeeffachuun hojjetamaa turuu eeruun, paartiin Badhaadhinaa rakkoolee kanneen furuuf imalaa jiraachuu kaasaniiru.

Waggoottan sadan darban haala rakkisaa keessa taanee birmadummaa biyyaa kabachiisaa injifannoo boonsaa galmeessineera jedhan.

Qormaaticha waaraan ce’uun badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuun tokkummaa keenya cimsuu qabna jedhan.

Hoggansii fi miseensonni Paartii Badhaadhinaa xinsamuu fi namuusa gaariin hojjechuh akka qaban ibsuu isaanii ragaan Waajjira Paartichaarraa argame ni muul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment