Finfinnee, Waxabajjii 30, 2013 (FBC)- Waltajjiin waloo tumsa teeknikaa loltummaa 11ffaa Ityoo-Raashiyaa gaggeeffamaa jira.
Waltajjichi magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira jedhameera.
Beekumsa,kalaqaa fi teeknooloojii loltummaa Ityoophiyaa fi Raashiyaa guddisuuf kan kaayyefateedha jedhameera.
Ministir deettaan Ministeera Raayyaa itti biyyaa damee faayinaansii Maartaa Luuwiijii, biyyoonni lameen bara 1898 irraa eegalee dippiloomaasiin, loltummaan, diinagdeen, siyaasaa fi hawaasummaa hariiroo baroota dheeraa qabachuusaanii kaasaniiru.
Yeroo amma kanaas Muummeen Ministira Dooktar Abiy Ahimad fi Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makonniin preezdaantii Raashiyaa Vildaamiir Puutiin waliin erga mari’atanii booda hariiroon biyyoota lamaanii cimaa ta’uu himaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.