Waltajjiin waloo Ministeera Fayyaa fi dhaabbilee waamamtootaa eegalame

Finfinnee, Hagayya 8, 2016 (FBC) – Waltajjiin Waloo Ministeera Fayyaa, Biiroolee Fayyaa Naannolee fi dhaabbilee waamamtootaa Magaalaa Dirre Dhawaatti eegalameera.

Waltajjichi walirraa barachuu, raawwii gamaagamuu fi hanqinaalee jiran furuuf qooda qabaachuu Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Maqdas Dhaabaan haasawa baniinsaa taasiisaniin ibsaniiru.

Hojiin fayyaa qindoominaan yoo hojjetame qofa bu’aa qabeessa ta’uu danda’a jedhan.

Comments (0)
Add Comment