Waltajjiin sosochii Ummataa daddabarsa namoota seeraan alaa ittisuurratti xiyyeeffate gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Waxabajjii 2, 2015 (FBC) – Waltajjiin sosochii Ummataa daddabarsa namoota seeraan alaa ittisuurratti xiyyeeffate magaalaa Dirre Dhawaatti gaggeeffamaa jira.

Waltajjicharratti Ministira Minsiteera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Dooktar Ergoogee Tasfaayee, miseensonni Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa, hoggantoonni mootummaa, abbootiin Amantaa fi jaarsoliin biyyaa argamaniiru.

Sosochiin Ummataa kun mata duree ‘hirmaannaa hawaasaa cimaan daddabarsa namootaa seeraan alaa haa ittifnu’ jedhuun qophiilee garaagaraan gaggeeffamaa jiraachuu ragaan Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment