Waltajjiin sosochii oomishtummaa fi qulqullina Bunaarratti xiyyeeffatu Magaalaa Naqamteetti ni gaggeeffama

Finfinnee, Fulbaana 19, 2017 (FBC) – Waltajjiin sosochii oomishtummaa fi qulqullina Bunaarratti xiyyeeffatu qooda fudhattoota hirmaachise har’a Magaalaa Naqamteetti ni gaggeeffama.

Jilli Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan durfamu marii kanarratti hirmaachuuf Magaalaa Naqamtee galeera.

Jilli kun hoggantoota Mootummaa Federaalaa fi Naannolee kan of keessatti hammate ta’uu ibsameera.

Jilichi waltajjii sosochii misoomaafi qulqullina Bunaa abbaan taayitaa Bunaa fi Shaayee Itiyoophiyaa Ministeera Qonnaa fi Biiroo Qonnaa Oromiyaa waliin ta’uun qopheesserratti hirmaachuuf har’a magaalaa Naqamtee galeera.

Dassaalenyi Abarraatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment