Waltajjiin sosochii dubbisaa godina Baaleetti gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Eebila 29, 2014 (FBC) – Waltajjiin sosochii dubbisaa godina Baaleetti gaggeeffamaa jira.

Waltajjichi Tajaajila Mana kitaabaa fi Hadarsa (Arcive) biyyaaleessaa, Waajjira aadaa fi Turizimii godina Baalee fi Yuunvarsiitiin Madda walaabuu waliin ta’uun magaalaa Roobee fi Gobbaatti dhaadhannoo “Kitaabni madda beekumsaa, Hadarsi ashaaraa seenaa” jedhuun kan qophaa’edha.

Baratoonni manneen barnootaa garaagaraa irraa walitti babba’an, barreessittonnii fi kutaaleen hawaasaa garaagaraa waltajjii sosochii dubbisaa kanarratti argamaniiru.

Sagantaaleen akkasii qophaa’uun hawaasni faayidaa dubbisuu akka hubatuu fi  aadaa dubbisuu si’eesuuf kan gargaaru ta’uu barreessittoonnii fi qaamoleen hawaasaa dubbisne himaniiru.

Sagantichi Ebla 29 hanga Caamsaa 2tti tura jedhameera.

Muluu Waaqshumeetu gabaase.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment