Finfinnee, Bitootessa 5, 2017 (FMC) –Ministeerri Geejjibaa fi Loojistiksii waltajjii marii sochiilee Loojistiksii Biyyaalessaa gamaaggamu Magaalaa Finfinneetti gaggeesseera.
Waltajjicharratti Ministiroota dabalatee dhaabbileen tajaajila damichaa kennanii fi qooda fudhattoonni biroo argamaniiru.
Galmoota Loojistiksii milkeessuuf Mootummaa fi Dameeleen dhuunfaa qindoomina hojmaataa cimsuuf hojjechaa jiraachuun eerameera.
Dameeleen dhuunfaa damee Loojistiksiirratti bobba’an, gabaasa kenninsa tajaajilaa fi raawwii hojii dhaabbataa isaanii dhiyeessaniiru.
Waltajjichaan rakkoolee damichaan mul’atanirratti mari’achuun kalalttiiwwan furmaata kan kaa’aman ta’uun ibsameera.
Yeshaambal Mihiratitu gabaase.