Waltajjiin nageenya biyyaalessaa magaalaa Asoosaatti gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Muddee 28, 2013 (FBC) –Yaa’iin Dhaabbilee Amantaa Ityoophiyaa jaarsoo biyyaa waliin ta’uun waltajjii nageenya biyyaalessaa magaalaa Asoosaatti gaggeessaa jiru.
Marichi kutaa hawaasaa naannoo Beenishaanguul Guumuuz keessa walitti babba’an waliin dhimma rakkoo nageenyaa naannichaa fi biyyattii irratti xiyyeeffachuun gaggeeffamaa jira.
Marii guyyaa tokkoof gaggeeffamu kanarratti dhaabbileen amantaa garaagaraa fi hoggantoonni olaanoon hirmaachuu isaanii ibsameera.
Waltajjicha Ministeera Nageenyaa fi Biiroo Nageenyaa fi Bulchiinsaa naannoo Beenishaanguul Guumuuzitu waliin qopheesse jedhame.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment