Waltajjiin muuxannoo waljijjiirraa Mana Maree Daldalaa Oromiyaa gaggeefamaa jira

Finfinnee, Sadaasa 15, 2016 (FBC)- Waltajjiin muuxannoo waljijjiirraa Manneen Maree Daldalaa fi Waldaalee Seektaraa Oromiyaa, Magaalaa Bishooftuutti gaggeeffamaa jira.

Pireezidaantiin Mana Maree Daldalaa Oromiyaa Obbo Sabsib Abbaa Firaa, haasawaa waltajjiicharratti taasisaniin, Manni marichaa hundeeffamuun waggoottan muraasa lakkoofsisus, riifoormii gaggeeffameen manneen maree magaalotaa hammatamuu ibsaniiru.

Dabalataan, sirna daldalaa ammayyaa’aa diriirsuuf hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Waltajjichis daldaltoota gidduutti walitti hidhamiinsa uumuun gamtaan akka hojjetaniif kan kaayyeeffate ta’uu himaniiru.

Waltajjicharratti Hoogganaan Waajjira Pireezidaantii Naannoo Oromiyaa Abdullaziiz Daawud, Hooggantuu Biiroo Daldalaa Oromiyaa Aadde Masarat Asaffaa fi kanneen biroon argamaniiru.

Manni maree daldala fi waldaalee seektaraa miseensota kuma 600 ol kan qabu ta’uun ibsameera.

Dinqaa Baacaatu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment