Waltajjiin muuxannoo waljijjiirra BLTO Chaayinaa Afrikaa gaggeeffame

Finfinnee, Onkololeessa 11, 2016 (FBC)- Waltajjiin muuxannoo waljijjiirra Barnoota Leenjii Teeknikaa fi Ogummaa Chaayinaa-Afrikaa Finfinneetti gaggeeffameera.

Waltajjicharratti Ministir Deetaa Ministeeraa Hojii fi Ogummaa Dooktar Tashaalee Bareechaan, akka jedhanitti, waltajjichi hariiroo gama lamee biyyoota lameenii cimsuuf waliigalteen taasifame hojiirra oolfamaa jiraachuuf argisistuudha.

Chaayinaan damee misooma humna namaa, ce’umsa teeknooloojii fi leenjii barsiisotaan deeggarsaa taasisaa jirtu cimsitee itti fufuu ibsaniiru.

Daayrektarri Olaanaan Gamtaa Barnootaa Teeknikaafi Ogummaa Chaayinaa Afrikaa Maarki Goongi Zawu gama isaaniin, guddina chaayinaaf dameen ogummaa fi teeknikaa gahee olaanaa akka bahate kaasaniiru.

Damichi guddina diinagdee biyyaa fi carraa hojii lammiileef uumuuf gahee olaanaa akka qabus akeekan.

Chaayinaan Itiyoophiyaatti damee ogummaa fi teekinikaan teeknooloojiiwwan ceesisuu dabalatee leenjiiwwan garaagaraa kennaa akka jirtu ibsuun, deeggarsichis cimee akka itti fufu eeraniiru.

Chaayinaan Itiyoophiyaatti dabalataan, Ruwaandaa, Taanzaaniyaa fi biyyoota birootti damicha guddisuuf deeggarsa garaagaraa taasisaa turuu himuu ragaan Ministeeraa Hojii fi Ogummarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment