Waltajjiin mata duree ‘Shaggar gara biyya’ jedhu gaggeeffamera

Finfinnee, Hagayya 21, 2012 (FBC) – Waltajjiin ‘Shaggar gara biyya’ jedhu waajjira muummee ministiraatti gaggeefamera.

Maricharratti muummeen ministiraa duraanii fi walitti qaban boordii tuuriizimi obbo Haayilamaariyaam Dasaaleny, Ministirri Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii Dooktar Abrahaam Balaay, Ministiri Deettaan Ministira Maallaqaa Dooktar Iyoob Takkaaliny , daayreektarri olaanaa Abbaa Taayitaa Daandiwwan Ityoophiyaa Injinaar Haabtaamuu Tagaany dabalatee qamooleen isaan ilaallatu irratti argamaniiru.

Muummeen ministiraa duraanii fi walitti qaban boordii tuuriizimi obbo Haayilamaariyaam Dasaaleny, hojiiwwan magaalaa Finfinnee hojjeetaman fakkeenyuumman isaanii gara biyyatti kan ce’anidha jedhaniiru.

Proojaktoota keenya yeroo qabameeffitti xumuruun akkasumaas bajaata qabameefiin hojjeechuu fi faayida hawaasaf olchuun rakkowwan furuufi jedhaniiru.

Paarkii tokkuummaa, Inxooxxoo fi proojaktii Shaggar hojiin bu’aa qaban akka biyyatti yaada middisisuurra eegalee hanga xumuraa isaatti rakkoowwan jiran furuun boqonnaa haaraan ni banama jedhaniiru.

Proojaktoota sadeen tumsaan kan hojjeetan ministirri Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii Dooktar Abrahaam Balaay, hojiiwwan kanneen turaniiru garuu qabeenya itti hin fayyadamne arguu dandeenyedha jedhaniiru.

Deeggarsii mootumma fi dhuunfa bu’aa qabeessuumma kan irratti muuldhate akka ta’ee ibsaniiru.

Imala badhaadhinaa akka biyyatati eegalamee waan guddaa yaadanii gochuun alatti filannoo biraan akk hin jirree kan itti ilalameedha kan jedhan ammoo daayreektara olaanaa abbaa taayitaa daandiwwan Ityoophiyaa Injinaar Haabtaamuu Tagaanyidha.

Proojaktoota hojjeetama yeroo, qulqulliina fi gatii wal madaalchisuun bu’aa argamsisuun akka danda’amuu dubbataniiru.

Ministiri Deettaan Ministira Maallaqaa Dooktar Iyoob Takkaaliny,tiiriziimin Ityoophiyaatti kan eegame qofaa osoo hin taanee proojaktoota bu’uura dinagdee dhokatee turee ifatti baheen jalqaba bu’aa gaarii ta’uu ibsaniiru.

Alaazaar Taaddalaatu gabasee

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment