Waltajjiin marii waloo naannoo Beenishaanguul Gumuuzii fi bulchiinsa Biluu Naayil magaalaa Asoosaatti gaggeeffame

Finfinnee, Muddee 2, 2013 (FBC) – Naannoon Beenishaanguul Gumuuzii fi bulchiinsi Biluu Naayil magaalaa Asoosaatti waltajjii marii waloo gaggeessaniiru.
Preezdaantiin bulchiinsa Biluu Naayil Abdurahaamaan Nuurdaayim wayita aanaa Kuurmaak ga’an hoggantoota olaanoo naannichaan simatamaniiru.
Hariiroo waloo naannoo Beenishaanguul Guumzii fi Riipaablika Sudaanitti bulchiinsa Biluu Naayil sababa weerara vaayrasii koroonaan adda citee ture eegalchiisuuf kan kaayyeffame ta’uu eerameera.
Waltajjii marii waloo kanaan raawwii hojii Komishinii misooma Waloo, nageenyaa fi dhimmoota biroorratti ni mari’atu jedhame.
Preezdaantiin naannoo Beenishaanguul Gumuuz obbo Ashaadilii Hasan Komishinii misooma Waloon nagaanya ummataa naannoolee ollaarratti hojiin hedduun hojjetamuu himaniiru.
Preezdaantiin bulchiinsa Biluu Naayil Abdurahaamaan Nuurdaayim gama isaaniin ijaarsi Hidha Haaromsa Guddicha Ityoophiyaa lammiilee Ityoophiyaarra darbee ummata Sudaaniif faayidaa olaanaa qabaachuu beeksisaniiru.
Damee hundaan deeggarsa irraa eeggamu hunda kan taasiisan ta’uu ibsuu isaanii ragaan Biiroo Dhimmoota Koomiiniikeeshinii Mootummaa naannichaarraa argame ni agarsiisa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment