Waltajjiin marii waloo Mana Maree Federeeshiinii fi naannolee gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Waxabajjii 12, 2015 (FBC) – Waltajjiin marii hariiroo waloo mootummoota Naannolee fi Federaalaa qopheessummaa Mana Maree Federeeshiniin magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira.

Waltajjii marii kanarratti hooggantoonni olaanoo mana maree Federeeshinii, Pireezidaantoonni naannolee, Ministiroonni, Af-yaa’iiwwan naannolee fi kantibaawwan bulchiinsa magaalota lamaanii argamaniiru.

Hariiroo mootummaa federaalaa fi Naannolee gidduu jiru cimsuun dhimma murteessaa ta’uu Af Yaa’iin Mana Maree Federeeshinii Obbo Aganyahu Tashaagar eeraniiru.

Marichi hariiroo keessoo mootummootaa, mootummaa Federaalaa fi naannolee, akkasumas hariiroo biiroolee gidduu jiru cimsuun sirna Federaalizimii sirrii hojiirra oolchuuf kan kaayyeeffame ta’uu Obbo Aganyahu Tashaagar ibsaniiru.

Waltajjiin waloo kun hariiroo mootummootaa cimsuun waldhabdee uumamuu danda’u hambsiisuuf, walitti bu’iinsa uumame mariin furuuf,Imaammataa, Tarsiimoowwanii fi karoora waldubbisuun raawwachuuf qooda olaanaa qabaachuu kaasaniiru.

Zaman Bayyanaatu gabaase

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment