Waltajjiin marii olaanaa Gamtaa Afriikaafi DhMG 8ffaan Finfinneetti gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Onkololeessa 11, 2017 (FBC) – Waltajjiin marii olaanaa Gamtaa Afriikaafi Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii 8ffaan magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira.

Dura Ta’aa Komishinii Gamtaa Afrikaa Muusaa Faqii Mahaammatii fi Barreessaa Olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guutareez dabalatee hoggantoonni olaanoon dhaabbilee kanneenii maricharratti hirmaachaa jiraachuu ibsameera.

Waltajjichi raawwii hammattoowwan tumsa dhaabbilee lamaanii kan gamaaggamu ta’uu ragaan Gamtaa Afrikaarraa argame ni mul’isa.

Akkasumas nageenyaa fi tasgabbii dabalatee dhimmoota adda addaarratti bal’inaan ni mari’atuun eegama.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment