Finfinnee, Ebla 15, 2016 (FBC)- Waltajjiin Marii baniinsaa fi hubannoo uumuu Koree Olaanaa Qindeessaa Fooramii Biyyalessaa Magaalotaa Afrikaa gaggeeffameera.
Ministirri Muummee Ittaanaa Obbo Tamasgeen Xurunaan akka ibsanitti, mata duree “Ajandaa 2063-Guddina Waaraa Magaalotaa ce’umsa Afrikaaf” jedhuun Fooramiin Magaalota Afrikaa Fulbaana bara dhufuu Finfinneetti gaggeeffama.
Guyyaa har’aas koreen olaanaan qindeessituu Fooramichaa waltajjii marii gaggeessuu ibsaniiru.
Itiyoophiyaan akka biyyaa seena qabeettitti, hundeessituu Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii fi Gamtaa Afrikaa keessaa tokko ta’uu eeruun, magaalonni kuma 1 fi 500 ol ni hirmaatuun kan eegamu waltajjii fooramichaa qopheessuuf itti gaafatama Afrikummaa ishee bahachuuf qophii ta’uu waltajjicharratti ibsamuu himaniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii https://www.facebook.com/afaanoromoofana
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.