Finfinnee, Muddee 22, 2012 (FBC) – Waltajjiin marii jaarsolii biyyaa Afaarii fi Soomaalee kaleessa Adaamaatti gaggeeffamuu eegale har’a xumurame.
Ministeerri Nageenyaa akka beeksisetti waltajjichaan walitti bu’iinsota kamuu duursanii ittisuu fi to’achuuf waloon irratti hojjechuu fi mariidhan furuuf waliigalaniiru.
Nageenya lammiilee fi faayidaa biyyaalessaa kabachiisuu, rakkoolee hawaasummaa fi walitti bu’iinsa uummaman furuun hariiroo ummataa cimsuuf hojjetamuu akka qabu waltajjichaan mari’atameera.
Marii gaggeeffameen nageenya lammiilee fi biyyaa tiksuun fayyadamtummaa waloo mirkaneessuuf hojjetamuu akka qabu jaarsoliin biyyaa beeksisaniiru.
Dhumarrattis ibsa ejjennoo abbaa qabxii 8 baasuun waltajjiin kaleessa eegalame har’a xumuramerera.
Waltajjicha Ministeera Nageenyaa fi Dhaabbata ‘Jastiis Foor Ool Priizin Feeloowshiip Ityoophiyaatu’ qopheesse.