Finfinnee, Bitootessa 28, 2013 (FBC)- Waltajjii marii hojii kenna tajaajila lammummaa fi gahee dhaabbilee amantaarratti xiyeeffate magaalaa Adaamaatti gaggeeffamaa jira.
Waltajjiirratti Itti Aantuun Preezdaantii mootummaa naannoo Oromiyaa fi Qindeessituun kilaastera diinagdee aadde Caaltuu Saanii fi abbootiin amantaa argamaniru.
Waltajjichaan dhaabbileen amantaa dhaloota biyya jaallatanii fi hawaasa tajaajilan uumuu keessatti ga’ee guddaa qabu jedhameera.
Hoggantuun Biiroo Dhimma Hojjetaa fi Hawaasummaa naannoo Oromiyaa aadde Jamiilaa Simbiruu waltajjicharratti haasaa taasisanii, aadaa hojii ummata keenyaa jijjiiruu keessatti gaheen abbootii amantaa olaanaadha jedhaniiru.
Kana malees hojii tajaajila lammummaa kana dura hojjechaa jiran cimsanii akka itti fufan dhaamaniiru.
Mootummaan hojii tajaajiila lammummaa kana galmaan ga’uuf labsii baasee hojiiwwan garagaraa hojjechurratti argama jedhaniiru.
Daagimaawwi Deeksisaatu gabaase
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.