Finfinnee, Bitootessa 12, 2015 (FBC)-Waltajjiin marii hoggantoota olaanoo naannolee garaagaraatti gaggeeffamuu eegaleera.
Haaluma kanaan waltajjiin marii Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Gaambeellaa, mataduree “Injifannoo cimsuu fi qormaatilee darbuun ergama hoggantoota yeroo fi seena qabeeyyii” jedhuun qophaa’e Magaalaa Gaambeellaatti gaggeeffamaa jira.
Waltajjii marichaarratti qondaaltota sadarkaa federaalaa fi naannolee biyyattii dabalatee qondaaltonni magaalotaa, godinaalee fi aanaalee naannichaa argamaniiru.
Akkasumas Waltajjiin marii hoggantoota olaanoo Naannoo Beenishaangul Gumuz haalaa yeroo biyyattii fi naannichaarratti xiyyeeffate gaggeeffamuu eegaleera.
Koreen Hoji Raawwachiistuu Paartii Badhaadhinaa, tibbana marii gaggeesseen murteewwan dabarse hordofee naannoleetti waltajjiiwwan dhimmoota biyyattii fi naannoorratti xiyyeeffachuun gaggeeffamaa jirurraatti hirmaachaa jiraachuu ragaan kominikeeshinii naannoleerrraa argame ni mul’isa.
Haaluma walfakkaatuun waltajjiin marii kun Naannoo Hararii, Naannoo Sabaa fi Sablammoota Ummatootaa Kibbaattis gaggeeffamuu eegaleera.
Waltajjiin marichaa milkaa’inaalee jijjiiramaan argaman hubachuun kutannoon itti fufsiisuuf, hojii fi hubannoo paartii fi mootummaa gaggeessuuf dandeessisu tokkummaan akka qabaataniif kan kaayyeffate ta’uun ibsameera.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuuk:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.