Waltajjiin marii hoggantoota kutaa Magaalaa Finfinnee fi aanoleen  gaggeeffamaa ture xumurame

Finfinnee, Muddee 26, 2014 (FBC)- Waltajjiin marii hoggantoota sadarkaa kutaa Magaalaa Finfinnee fi aanoleerra jiraniin gaggeeffamaa ture xumurameera.

Waltajjichi guyyoota sadiif gaggeeffamaa ture.

Waraanicha booda hanqina jiru aariitiin furuun injifannoon hunda galeessaa hanga mirkanaa’uutti ciminoota waraanicha keessaatti argaman ciminaan itti fufsiisuu waltajjiin marii hoggantoota kutaalee magaalootaa 11 fi aanoolee gaggeeffameera.

Waltajjicharratti kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee, Hogganaan Paartii Badhaadhinaa obbo Mallas Alamuu fi itti aanaan kantiibaa magaalichaa obbo Zhaanxiraar Abbaay argamuusanii ragaan waajjira Preesii Seekretarii magaalaa Finfinneerra argamee ni muul’dhisa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment