Waltajjiin marii hariiroo waloo mootummootaa Wiixata dhufu gaggeeffama

Finfinnee, Waxabajjii 10, 2015 (FBC) -Waltajjiin marii hariiroo waloo mootummoota Naannolee fi Federaalaa Mana Maree Federeeshiniin qophaa’e Wiixata dhufu Finfinneetti kan gaggeeffamu ta’uu Manni Maree Federeeshinii beeksiseera.

Sirna hariiroo mootummoota Ityoophiyaa murteessuuf akkaataa Labsii lakkoofsa 1231/2013 ba’een waltajjichi wiixata dhufu kan gaggeeffamu ta’uu Daayrektarri Hariiroo Ummataa Mana Marichaa Obbo Tafarraa Badhaadhaa ibsnaiiru.

Waltajjii marii kanarratti hooggantoonni olaanoo mana maree Federeeshinii, Pireezidaantoonni naannolee, Ministiroonni, Af-yaa’iiwwan naannolee fi kantibaawwan bulchiinsa magaalota lamaanii kan hirmaatan ta’uu eeraniiru TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment