Mudde 24, 2015(FBC)- Waltajjiin marii Gumii Balal mata duree “Inshuraansiin fayyaa hawaasaa, wabii fayyaa hawaasaati” jedhuun Waajjira Pireezidaantii Oromiyaatti gaggeeffamaa jira.
Waltajjicharratti hayyoonni damichaafi kanneen biroon hirmaachaa jiru.
Waltajjichaan hanqinaa fi cimina hojiirra olmaa inshuraansii fayyaa hawaasaa naannichaa irratti mariin gaggeeffamaa jira.
Naannichatti tajaajilichi erga jalqabee hawaasni miiliyoonni 7 fayyadamaa ta’uu ibsameera.
Bara kanas namoota miliyoona 5 ol miseensa taasisuufi Birrii biiliyoona 3 argamsiisuuf hojjetamaa jira jedhameera. Gammachuu Beekumaatu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.