Waltajjiin Marii Gamtaa Afrikaa fi Awurooppaa gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Amajjii 27, 2016 (FBC) – Waltajjiin Marii Gamtaa Afrikaa fi Awurooppaa tumsa waloo damee fayyaa cimsuurratti xiyyeeffate magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira.

Komishinii Gamtaa Afrikaatti Komishinarri Dhimmoota Fayyaa, Mirga Namoomaa fi Misooma Hawaasumaa Miinaataa Saamaatee Seesuumaa fi Gamtaa Awurooppaatti Komishinarri Damee Fayyaa fi Nageenya Nyaataa Isteelaa Kiitiiyaakiidiis waltachicharratti argamuu ibsameera.

Waltajjicha Gamtaa Afrikaatti Komishinii Dhimmoota Fayyaa, Mirga Namoomaa fi Misooma Hawaasumaa fi Gamtaan Awurooppaa waloon qopheessuu eerameera.

Tumsa waloo damee fayyaa cimsuu, ijaarsa dandeettii fi dhimmoota namoomarratti hariiroo qaban caalmaatti cimsuuf marii dandeessisu taasiisaa jiraachuu TOI gabaaseera.

Mariin booda dhaabbileen lamaan dameewwan garaagaraan waliigaltee adda addaa ni mallatteessuun eegama jedhame.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment