Finfinnee, Guraandhala 30, 2016 (FBC)- Waltajjiin marii gaaffii karra Galaanaa Itiyoophiyaa fi siyaasa quubsumaa Yuuivarsiitiin Jigjigaa Inistiitiyuutii Dhimmaa Alaa waliin ta’uun qophaa’eesse gaggeeffame.
Waltajjicharratti, hawaasa yuunivarsiitichaa dabalatee keessummoonni biroon argamaniiru.
Pireezidaantiin Yuunivarsiitichaa Dooktar Bashiir Abdullaahiin, gaaffii waloon misoomuu Itiyoophiyaan dhiyeessite ilaalchisee hubannoo waloo uumuuf eegeree Itiyoophiyaarratti mari’achuuf kan tumsuudha jedhan.
Daayrektarri Jeneraalaa Dhimmoota Awurooppaa fi Ameerikaa Inistitiyuutii Dhimma Alaa Dooktar Daariskadaar Taayyee gama isaaniin, Itiyoophiyaan karraa galaanaatti dhiyoo taatus seenaa keessatti fedhiin itti fayyadama karra galaanaa ishee eeyyama biyya biroorratti hirkataa ta’eera jedhan.
Jijjiiramaan booda cabiinsa kana wal’aanuuf tattaaffiiwwan wayita taasifaman kan mul’atan ta’uu yaadachiisanii, qajeeltoo waloon misoomuu fi dippilomaasummaatiin gaaffii karra galaanaa misoomsuun dhimma adda duree ta’uu ibsaniiru.
Gaaffiin karra galaanaa Itiyoophiyaa cabiinsa seenaa wal’aanuuf, jijjiiramoonni diinagdee galmaa’an waarina akka qabaatanii fi quubsuma cufaaf daandii ba’umsaa ta’uu kaasan.
Maraa’ol Kadiirtu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.