Waltajjiin marii barsiisotaa sadarkaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Eebla 23, 2015 (FBC)- Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti waltajjiin marii barsiisotaa mata duree “Manneen barnootaa barnootaaf, barsiisonni barsiisuuf” jedhuun gaggeeffamaa jira.

Mariin barsiisonni kuma 5 ol irratti hirmaachaa jiran Finfinnee Galma Miliiniyamiitti gaggeeffamaa jira.

Waltajjicharratti Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee dabalatee, Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Magaalichaa Moges Baalchaa qondaaltonni magaalatti biroonii fi barsiisonni hirmaattoata waltajjichaa argamaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment