Waltajjiin marii Afyaa’iiwwan biyyaalessaa Baahirdaaritti gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Fulbaana 8, 2015 (FBC) – Afyaa’iiwwan naannolee hundaa fi bulchiinsa magaalotaa akkasumas miseensotaa mana maree gargaagara kan hammate waltajjiin marii Afyaa’iiwwanii Baahirdaaritti gaggeeffamaa jira.

Afyaa’iin Mana Maree Naannoo Amaaraa Aadde Faantuu Tasfaayee ergaa baga nagaan dhuftanii dabarsaniin, waltajjiin Afyaa’iiwwanii kun duudhaa waljaalala, walkabajaafi waldeeggaruu ummatoota Ityoophiyaa caalmaan cimsuuf tumsa jedhaniiru.

Pireezidantiin Naannoo Amaaraa Dooktar Yiliqaal Kaffaalaa, sabdaneessummaan Ityoophiyummaa cimee itti fufuu fi hariiroo ummatootaa caalmaan cimsuuf waltajjichi barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.

Bakka bu’oonni mootummaa keessumaa miseensonni mana maree naannolee hundaa, ummatootaa naannolee walitti dhiyeessuufi duudaalee waloo gama cimsuutiin hojiilee bal’aatu irraa eegama jedhaniiru.

Weerara shororkeessaa ABUT bane guutummaatti fashaleessuu fi biyya badhaate walta’iinsaan ijaaruun tokkummaa Ityoophiyummaa ture cimsine itti fufsiisuu qabna jedhaniiru.

Afyaa’iin Mana Maree Federeeshinii Obbo Aganyahu Tashaagar, waltajjiin Afyaa’iiwwan biyyalessaa hariiroo ummatootaa cimsuun biyya waloon ijaaruuf kan kaayyeffate ta’uu ibsaniiru.

Ummattoonni Ityoophiyaa tokkummaan kan waliitti hidhamaniidha jedhanii, weerara shororkeessaa ABUT fashaleessuuf Ityoophiyaanonni tokkummaan dhaabbachuun qabsoo taasisaa jiru jedhan.

Manneen marii bakka bu’iinsa ummataa kan qaban waan ta’aniif, dargaggoonni, haadholiin jaarsoliin biyyaa akkasumas, kutaaleen hawaasaa biroon hariiroo cimsuun dhimmoota tokkummaaf gufuu ta’an mariin furuu barbaachisa jechuu isaanii AMC gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraamahttps://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment