Finfinnee, Eebla 3, 2015 (FBC) – Mata duree “Dhaloota Ida’amuu horachuu” jedhuun waltajjiin marii ‘Addis Wag’ gaggeeffameera.
Waltajjichi Paarkii Michummaatti gaggeeffameera
Qopheessumaa Waajjira Muummee Ministiratiin waltajjiin Addis Wag’ yeroowwan darban mata dure garaagaraarratti gaggeeffamaa tureera, hara’s mata dure ‘dhaloota Ida’amuu horachuu’jedhuun gaggeeffameera.
Ministirri Ministeera Barnoota Piroofeesar Birhaanuu Naggaan waltajjichaaf yaada ka’umsaa dhiyyeessaniiru.
Dhaloota namuusa akkamii qabuu horachuun, biyyi kallattii barbaaddamutti cee’uu dandeessi yadaa jedhuun walitti dhiyeenyaaan hojjechuun bu’aa qabeessaa taasisa jedhaniiru.
Hawaasa biyya jalatu horachuun barbaachisaa ta’uu kaasaniiru.
Kunis dhaloota miiraan durfamu osoo hin taane dhaloota hawaasaaf yaaduu danda’u ta’uu qaba jedhan.
Waltajjii marii Addis Wag dhaloota Ida’amuu horachuu mata duree jedhuun gaggeeffamaa jiru kanarratti hayyoonni, Ogeeyyiin miidiyaa fi barattoonni affeerraan taasiisfameef argamaniiru jedhame.
Taarikuu Laggasaatu gabaase.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.