Waltajjiin leenjii hoggansa olaanoo fi giddugaleessa Paartii Badhaadhinaa eegalame

Finfinnee, Fulbaana 29, 2016 (FBC) – Waltajjiin leenjii hoggansa olaanoo fi giddugaleessa Paartii Badhaadhinaa marsaa 2ffaan guyyoota 10f turu har’a eegalameera.

Bu’aawwan kana dura argaman guddisuu fi itti fufsiisuuf leenjii kannamu ta’uu eerameera.

Leenjichi giddugalawwan Leenjii Finfinnee, Adaamaa, Aarbaa Minci, Jigjigaa, Bahardaar, Miizan Amaan, Jimmaa, Hawaasaa, Dasee fi Hoosaa’inaatti eegalamuu ragaan Waajjira Paartichaarraa argame ni mul’isa.

Leenjichaan cinaatti mariiwwanii fi sagantaan muuxannoo waljijjiiruu kan gaggeeffamu ta’uu eerameera.

#Oromia # Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment