Waltajjiin Koree Hojii Raawwachiistuu CAF gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Onkololeessa 11, 2017 (FBC) – Waltajjiin Koree Hoji Raawwachiistuu Konfedereeshinii Kubbaa Miilaa Afrikaa Magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira.

Waltajjicharratti Pireezidaantii Konfedereeshiniin Kubbaa Miilaa Afrikaa Paatiriis Mootiseeppee fi Pireezidaantii Federeeshinii kubbaa Miilaa Itiyoophiyaa fi Miseensa Koree Hoji Raawwachiistuu CAF Isaayyaas Jiraa dabalatee, hoggantoonni kubbaa miilaa naannawichaa hirmaachaa jiru jedhame.

Gama biroon Yaa’iin Waliigalaa Konfedereeshinii Kubbaa Miilaa Afrikaa 46ffaan Boruu eegalee magaalaa Finfinneetti kan gaggeeffamuta’uu ragaan Federeeshinii Kubbaa Miilaa Itiyoophiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment