Waltajjiin Karoora waggaa 10 Nyaataa fi Sirnaa Nyaataa Ityoophiyaa fi Sagantaan Waadaa babal’ina Saqoxaa eegale

Finfinnee, Hagayya 20, 2013 (FBC)- Waltajjiin Karoora waggaa 10 Nyaataafi Sirnaa Nyaataa Itiyoophiyaafi Sagantaan Waadaa babal’ina Saqoxaa eegaleera.

Sagantaan kun erga eegale bu’aa guddaa argamsiisuun himameera.

Keessattuu Naannoo sagantaan kun hojjiiraa oole Naannoo Tigraayii fi Amaaraatti daa’immaan kuma 100 fi kuma 9 balaa qucarummaa irraa ittisuun danda’amuus haala waqtaawaa naannoolee kan keessa jiruun hojii cimaa akka gaafatuu Preezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdee himan.

Ityoophiyaa keessatti waggoota 20 darbanitti dhibbeentaan qucarummaa% 58 irra gara 37 buusuun danda’amuu kan himan immoo Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaa,.

Maddii qucarummaa kanaas sirni nyaata keenyaa rakkoo qabaachuu irraa kan ka’e lammiilee keeenya du’aafi dhukkubaan dhabaa jirras jedhaniiru.

Karoorri waggaa 10 nyaataafi sirnaa nyaataafi sagantaan Waadaa babal’ina Saqoxaa kan hojjiirraa oolu kun aanaalee haaraa 200 fi kan duraani aanaalee 40 keessattis jedhan.

Sagantaa kanaafis mootummaan Birrii miiliyoona 500 kan ramade yoo ta’u, Baankiin misoomaa Afriikaa Doolara miiliyoona 46 deeggarsa taasisuus himamuu ragaan Ministeera Fayyaarraa argamee ni muul’dhisa.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment