Waltajjiin jaarsolii biyyaa naannoo Tigraayii fi Amaaraa gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Muddee 16, 2012 (FBC) – Waltajjiin jaarsolii biyyaa naannoo Tigraayii fi Amaaraa gaggeeffamaa jira.
 
Waltajjiin marii ummattoota, jaarsolii biyyaa fi hayyoota naannoo Amaaraa fi Tigraay hirmaachise magaalaa Finfinnee Hoteela Ililliitti gaggeeffamaa jira.
 
Hariiroo ummata naannolee lamaanii cimsuun xiyyeeffannaa waltajjichaati jedhameera.
 
Waltajjichi mata duree “Tokkummaa biyyoolessaa keenya cimsuuf, rakkoolee keessoo keenyaa mariidhan yaa hiiknu” jedhuun gaggeeffamaa jira.
 
Waltajjicharratti abbootiin Gadaa, keessummoonnii fi jaarsoliin naannolee adda addaarra affeeraman hirmaachaa jiru.
 
Yaa’iin Marii Jaarsolii Biyyaa Ityoophiyaa, Ministeerri Nageenyaa fi ‘Jastiis Foor Ool PF Ityoophiyaa’ waltajjii marichaa qopheessaniiru.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment