Waltajjiin Inisheetiivii Hoggansa Kantiboota Afrikaa guyyaa boruu irraa eegalee Finfinneetti ni gaggeeffama

Finfinnee, Fulbaana 23, 2016 (FBC) – Waltajjiin Inisheetiivii Hoggansa Kantiboota Afrikaa guyyaa boruu irraa eegalee Finfinneetti kan gaggeeffamu ta’uu ibsameera.

Boruu eegalee waltajjiiwwan biyyaalessaa, Ardii fi idil addunyaa garaagaraa magaalaa Finfinneetti kan gaggeeffamu ta’uu Hoggantuun Biiroo Kominikeeshinii magaalaa Finfinnee Aadde Innaatalem Mallas ibsaniiru.

Fulbaata 24 -25, 2016 Waltajjiin Inisheetiivii Hoggansa Kantibaawwan Afrikaa, Fulbaana 28 – 29, 2016 sagantaan hundeeffama giddu gala ga’oomsa Misooma Ijoolluummaa jalqabaa, Fulbaana 28, 2016 hanga Onkololeessa 1, 2016 waltajjiin muxxannoo waljijjiirraa hoggantoota biyyaaleessaa kan gaggeeffamu ta’uu ibsuu ragaan Biiricharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment