Waltajjiin Hoggantoota Afrikaa, Kaariibiyaanii fi biyyoota Paassifikii 9ffaan gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Sadaasa 29, 2012 (FBC) – Waltajjiin Hoggantoota Afrikaa, Kaariibiyaanii fi biyyoota Paassifikii 9ffaan Keeniyaa Naayroobiitti gaggeeffamaa jira.

Jilli Ityoophiyaa Ambaasaaddar Maarqoos Takleen durfamu waltajjii kana iratti hirmaachaa jira.

Gamtaa Awrooppatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa obbo Gurum Abbay, Keeniyaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa obbo Mallas Alem fi Ministira Maallaqaatti daayreekteerri hariiroo Gamtaa Awrooppaa obbo Balaachaw Bayyanaa jila kana keessatti kanneen argaman ta’uu ragaan Imbaasii Ityoophiyaa Keeniyaa argame ni mul’isa.

Comments (0)
Add Comment