Waltajjiin hoggansa liigii dubartoota Paartii Badhaadhinaa taa’amaa jira

Finfinnee, Amajjii 6, 2012 (FBC) – Hoggansa liigii dubartoota Paartii Badhaadhinaatif yaada ida’amuu fi ittiin bulmaata paartichaarratti leenjiin laatamaa jira.
 
Waltajjiin paartichaa magaalaa Hawaasaatti taa’amaa jira.
 
Waltajjichaan marii bal’aan ni taasifamaan eegama.
 
Yaada ida’amuu, ittiin bulmaataa fi dambii paartichaarrattis hubannaan ni uumama jedhameera.
 
Leenjicharratti dubartoonni naannolee fi magaalota hundarraa walitti babba’an hirmaachaa jiru.
Comments (0)
Add Comment