Finfinnee Guraandhala 18, 2015 (FBC)- Invastimantii fi misoomaarratti hirmaannaa Diyaaspooraa Oromoo cimsuuf waltajjiin xiyyeeffate galma Waajjira Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatti gaggeeffameera.
Waltajjichi hirmaannaa diyaaspooraa Oromoo damee dinagdee, hawaasummaa fi siyaasaan jiru daran guddisuuf kan kaayyeffate ta’uun ibsameera.
Waltajjicharratti Itti Aanaan Piresidaantii naannoo Oromiyaa obbo Awwaluu Abdii akka ibsanitti diyaaspooraan Oromoo yeroo qabsoo fi rakkoo sagalee uummataa ta’aa turuu yaadachiisanii, yeroo biyyi misoomaa fi nageenyaaf waammattus gahee lammuummaa isaa bahachuu qaba.
Dhaltoonni Oromoo fi diyaaspooraan biyyoota biroo keessa jiraatan biyyaa fi uummata isaanii hiyyuummaa keessaa baasuuf, gara biyyaa dhufuun misoomaa fi Invastimantii akka hirmaataan waamicha dhiyeessaniiru.
Mootummaan Naannoo Oromiyaas tumsa barbaachisaa mara akka taasiisu ta’uu marii kanarratti eeraniiru.
Amartii Tasfaayeetu gabaase.
#Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.